Ulaagaa Sooreyyii Wolde’a Kiristaanaa
1 Nami tokko sooressaa3:1Sooressa: Toowataa Wolde’a kiristaanaa te’iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga’a. 2 Sooressaan wolde’a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le’u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande’u, 3 nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne, 4 nama maatii ifii sirri’itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te’uu qaba. 5 Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande’ee wolde’a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande’a ree? 6 Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexanatti muranteetti akka hin jinne, nama dhikoo dhugeeffate hin te’in. 7 Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.3:7 Tit. 1:6-9