Dhufa Gootta’aa
13 Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du’ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. 14 Yesuus du’ee, du’a keessaa akka ka’e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du’e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna. 15 Akka barsiisa Gootta’aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi’ee dhufu adoo hin du’in jirru, worra du’eeru hin dursinu. 16 Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a; 17 achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.4:17 1 Qor. 15:51-52 18 Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa’a.