Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Tessalonicenses 5

4 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu’uu isinitti hin dhufu. 5 Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya’aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti. 6 Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi’ii me rannuu ti. 7 Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. 8 Nuuti ammoo worra guyya’aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna’aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti.5:8 Efe. 6:13-17 9 Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi’iif nu hin waanne.

Veja também

1 Tessalonicenses
Ver todos os capítulos de 1 Tessalonicenses