Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Coríntios 1

Phawuloos Waaqa Galateeffate

3 Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. 4 Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa. 5 Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna. 6 Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan. 7 Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu.

Veja também