Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Worra Qorontoosii 11:23-30

23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata’aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji’iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du’a geyeera. 24 Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera. 25 Yennaa sad ciira’aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka’aan tumameera; yennaa sad caccab hoboloo gudditti’ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera.11:25 HuE. 16:22; 14:19 26 Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan saantotaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te’in irraa, balaan qacha’aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle’etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera. 27 Hujii hantuu hujee, akka malee eloweera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji’ii fi daara dageera. 28 Waan dhibii lakkisii marroo wolde’oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya’aan hedaa yaaddowaa ture. 29 Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu’uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera?

30 Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.