11 Tanaaf Goottaa sodaatiis maan akka te’e waan beennuuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha. 12 Worra keessa ifiitiin adoo hin te’in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu’uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti. 13 Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti. 14 Kiristoos nama duudi’iif akka du’ee fi nami duudiin du’a isaa ka qoodamu akka te’e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa. 15 Worri jiru’uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du’ee du’aa ka’eef akka le’anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du’e.
16 Maarre nuuti ammaa achi eennulle’etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu. 17 Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. 18 Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete. 19 Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulle’eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.
20 Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu’oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama’a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. 21 Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba’atu godhe.