17 Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. 18 Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete. 19 Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulle’eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.
20 Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu’oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama’a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. 21 Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii5:21Tokkummaa dhugaamettii: Balchummaa Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba’atu godhe.