Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Worra Qorontoosii 6:14-17

Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina’a

14 Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina’a. Balchumma’aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande’an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande’an? 15 Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande’an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba? 16 Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu,

«Mana kiyya kolbaa tiyya oddu’utti hin godha;

odduu isaaniille hin le’a;

Ani Waaqa isaanii hin te’a,

isaanille kolbaa tiyya hin te’an» jedhe,

nuuti Galma Waaqa jiraata’aa ti.

17 Ammalle Goottaan,

«Isin odduu isaaniitii fowama’atii baya’a;

waan battii te’e hin tuqina’a.

Anille isin hin fudhadha;

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.