Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Coríntios 6

4 Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina. 5 Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji’iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan; 6 akkasuma qulqullumma’aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma’aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga’aatiin, 7 jecha dhuga’aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma’a. 8 Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra; 9 ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du’aneeran yoo jedhanu, jiru’uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne; 10 gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.

Veja também