Arjooma Kiristaanaa
1 Obboleeyyan tiyya! Badhaadha Waaqi wolde’oota kiristaana lafa Maqedooniya’aatiif kenne akka beettanu barbaanna. 2 Isaan rakkinna gudda’aan haga ilaallamaneeran; te’uu malee gammadi isaanii gudda’a; isaan akka malee hiyyeeyyii te’anulle, guddoo arjoomaneeran. 3 Isaan haga dande’anuu fi haga dande’anuun caalaa, fedhii ifiitiin akka kennane ani isaaniif dhugaa hin baya. 4 Carraa qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta biyya Yihuda’aa keessa jirtuuf kenniisa irratti hirmaatiisaaf magannifatanee nu kadhatane;8:4 Rom. 15:26 5 haga nuuti isaan irraa eenne caalaa godhane; matooma Gootta’aaf ifi kennane; itti aansaneelle fedha Waaqaatiin ifi nu’uuf kennaneeran.