11 Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le’iisaaf maltane ree? Isin woyyumma’aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le’iisa qaddan. 12 Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra’aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te’a’a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o’aan hin baxxi.