3 Waan duudi’iin qara, guyyoota muumme’eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan. 4 Isaan, «Yesuus deebi’ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan. 5 Isaan akka bara heddu’uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te’an. 6 Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde. 7 Ol-gubba’aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura’aatii fi badiin worra Waaqa malee le’uu geettutti, jechuma kanaan eegaman.