14 Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirse. 15 Inni daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii, ka dada ol-gubba’aa ta koola qadduun19:15 Dada ol-gubba’aa ta koola qadduun gubbaa: Afaan Ibrootaatiin Kiruubeliin gubbaa jedha. gubbaa barcumaa mootumma’aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; lafaa fi ol-gubbaa daddeerta. 19 Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te’e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.
Waaqi Hisqiyaasiif Deebii Kenne
(Isa. 37:21-38)
35 Halkanuma san ergamaan Mootii Waan Maraa gara addee quttuma worra Asoorii dhaqee, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka’anu, nami marti du’eeruun dhaggane.