Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Reis 2

Bilbaasota Qara Elsaa’i Godhe

19 Namooti gariin Yeriko’oo gara Elsaa’i dhufanee, «Ee goottaa keennaa akkuma ati dhaggitu, latti tun dansa’a; ammoo bisaan bada’a; lattille midhaan hin kennitu» jedhane.

20 Elsaa’ille, «Qorii haareya keessa soodda buusa’aatii naa fida’a» jedhee ajaje. Isaanille akkuma inni ajaje qorii itti fidane. 21 Achiin duuba inni gara madda bisaanii dhaqee, soodda bisaan keessa buusee, «Mootiin Waan Maraa, Ani bisaan kana fayyiseera; haganaa achi bisaan kun sababa du’aa yookiin latti midhaan akka hin kennine hin godhujedha» jedhe. 22 Maarre akkuma Elsaa’i dubbate, bisaan sun haga adhaa fayyaallessa.

Veja também