Elsaa’i Haadha Hiyyeessaa Takka Qarqaare
1 Haati hiyyeessaa ta abbaan manaa isi’ii miseensa raagotaa te’e takka, gara Elsaa’ii dhuttee, «Tajaajilaan keeti, abbaan manaa kiyya du’eera; inni akka Mootii Waan Maraa sodaatu atinuu hin beetta; amma ammoo nami liqaa isa irraa qabu tokko, ilmaan tiyya lamaan fudhatee garbonfatiisaaf dhufeera» jettee itti himatte.
2 Elsaa’i deebisee isi’iin, «Maan akka sii godhu barbaadda? Waan mana keeti keessaa qaddu natti himi» jedhe.
Isiin deebittee, «Ani tajaajiltuun teeti zayitii ejersaa meshoo diqqoo takka malee womaa manaa hin qabu» jette.
3 Elsaa’i, «Gara ollaa keetii mara dhaqiitii okkotee duwwaa bacaa ergifadhu. 4 Achiin duuba ilmaan teeti woliin gara manaa ol seeniitii balbala cufadhuu, zayitii ejersaa san okkotee maratti naqi; okkoteen marti yennaa guuttu jalaa fuudhii cinaa keyi» isi’iin jedhe.
5 Maarre isiin isa biraa deentee, ifii fi ilmaan ifiititti balbala cufattee, ilmaan isi’ii okkotee isi’iif dhikeessanuun, isiin zayitii meshoo keessaa san itti guutte. 6 Okkoteen duudiin guutteen duuba, isiin ilma ifiitiin, «Okkotee dhibii naa fidi» jette; inni ammoo deebisee, «Okkoteen dhibiin hin jirtu» jedheen. Achiin duuba Zayitiin ejersaa sun yaa’uu lakkitte. 7 Isiin dhaxxee nama Waaqaa Elsaa’itti hinte; innille, «Dhaqiitii, zayitii san gurguriitii liqaa keeti kaffaladhu; waan hafeen atii fi ilmaan teeti ittiin le’uu dandeettan» jedheen.