Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Reis 4

32 Elsaa’i dhufee yennaa mana seene, mucaan du’ee taqee isaa irra irkateeruun dhagge. 33 Inni kolloo san seenee ifii fi mucaa qofatti balbala cufatee gara Mootii Waan Maraa daadimate. 34 Achiin duuba taqee yaabee, afaan ifii afaan muca’aa irra, ila ifii ila muca’aa irra, harka ifii harka muca’aa irra keyee reeffa muca’aa irra irkate; akkuma inni mucaa irra irkateen, nafi muca’aa o’uu jalqabe. 35 Elsaa’i ol ka’ee kolloo keessa asii fi achi deemeen duuba, deebi’ee taqee yaabee mucaa irra irkate. Mucaalle yennaa torba haxxifatee, ila banate.

Veja também