Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Moototaa 4

Ilmi Dubartii Qachaa Shuneemii Du’aa Ka’e

8 Gaafa tokko Elsaa’i gara qachaa Shuneemii dhaqe; dubartiin dureettiin takka achi jirtiiyyu. Isiin akka inni sagalee nyaatu kadhatte; maarre inni yennaa karaa san dabaru mara sagalee nyaatiisaaf achi goraayyu. 9 Isiin abbaa manaa ifiitiin, «Namichi yennaa mara karaa mana keennaa dabaru kun, woyyicha nama Waaqaa akka te’e ani hin beeka. 10 Tanaaf heellichoo manaa irratti kolloo diqqoo isaaf ijaarree, achi keessa taqee, xarapheessaa, barcuma’aa fi issaa isaaf keennuu ti; inni yennaa gara keenna dhufu mara achi keessatti foorfatuu dande’a» jette.

11 Gaafa tokko Elsaa’i gara qachaa Shuneemii yennaa dhufe, gara kolloo ifii ol bayee achi irkate. 12 Inni tajaajilaa ifii Gehaaziin, «Shuneemittii san waami» jedhe. Yennaa inni isii waame, isiin dhuttee isa dura dhaabbate. 13 Inni tajaajilaa ifiitiin, « Ati haga kana mara nu’uuf rakkatteerta, ani maan si’iif godhu ree? Mootichatti yookiin ajajaa loltootaatitti maan si’iif himu ree?jedhii isi’itti himi» jedhe.

Isiille deebittee, «Ani kolbaa tiyya odduu jira» jette.

14 Elsaa’i, «Maan isi’iif godhu ree?» jedhe.

Gehaaz deebisee, «Be isiin ilma hin qaddu! Abbaan manaa isi’iille jaarsa» jedhe.

15 Achiin duuba Elsaa’i, «Isii waami» jedhe. Maarre inni isii waamee, isiille dhuttee balbala dura dhaabbatte. 16 Elsaa’ille, «Bara dhufu yennaa akkanaa ilma hin annatta» jedheen.

Isiin, «Waawwo’o! Goottaa kiyya, nama Waaqaa, ana tajaajiltuu teetitti dhara hin dubbatin» jetteen.

17 Ammoo akkuma Elsaa’i isi’itti hime, dubartittiin sun ulfoottee, woggaa itti aantu yennuma inni dubbatetti ilma deette.

18 Mucaan sun yennaa guddate, gaafa tokko bayee gara abbaa ifii ka worra midhaan haamu woliin jiruu dhaqe. 19 Mucaan sun abbaa ifiitiin, «Mataa kiyyaa! Mataa kiyyaa!» jedhe.

Abbaan tajaajilaa ifiitiin, «Mucaa ba’adhuutii gara haadha isaa geessi» jedhe. 20 Tajaajilaan sun mucaa ba’atee gara haadha isaa geesseen duuba, haga saatii jaa gudeeda haadha ifii irra tee’ee, achiin duuba du’e. 21 Isiin kolloo mana irraatitti ol baatee, taqee nama Waaqaa irra isa irkittee, balbala itti cuttee baatee ideente. 22 Isiin abbaa manaa ifii waantee, «Gara nama Waaqaa ariifadhee dhaqee akka deebi’u, tajaajilaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi» jetteen.

23 Abbaan manaa isi’ii, «Adhi guyyaa baatii ji’aa yookiin guyyaa Sanbataatii motii? Maaf gara isaa dhaxxa?» jedhee gaafate.

Isiin, «Rakkoon hin jirtu» jette. 24 Isiin harree kooraa itti fe’attee, tajaajilaa ifiitiin, «Dura deemi; haga ani sitti himutti naaf jettee laana hin deemin» jette. 25 Maarre isiin kaatee, gaara Qarmelosii gara nama Waaqaa Elsaa’i bira dhaxxe.

Inni yennaa fago’otti isii dhagge, tajaajilaa ifii Gehaaziin, «Ilaa, Shuneemittiin dhufiisatti jirti! 26 Rukkisii itti dhaqiitii, Ati nageyaa? Abbaan manaa keeti nageyaa? Mucaan keeti nageyaa?jedhii isii gaafadhu» jedheen.

Isiin, «Wonni marti nageya» jette. 27 Isiin gaara Qarmelosii nama Waaqaa Elsaa’i bira yennaa geette, miila isaa qadde; Gehaaz isa irraa isii darbiisaaf gara isi’ii dhufe; Elsaa’i ammoo, «Lakkis; isiin gadda hamaa keessa jirti; Mootiin Waan Maraa ammoo maaf akka gaddite na dhossee, natti hin hinne» jedhe.

28 Isiin, «Goottaa kiyya, akka ati ilma naa kennitu si gaafadheeraa? Ani, Dhara natti hin dubbatinsi’iin jedhee hin jiruu?» jetteen.

29 Elsaa’i, Gehaaziin, «Hidha keeti hidhadhuutii, ulee tiyya qabadhuu ariifadhuu deemi! Nama yoo dhaggite nageya hin fuudhin; yoo nami nageya si fuudhe, deebii isaaf hin kennin; yennaa achi geette ulee tiyya fuula muca’aa irra keyi» jedhe.

30 Haati muca’aa ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te’ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si lakkisee hin deemu!» jetteen; maarre inni ka’ee isii gula deeme. 31 Gehaaz isaan dursee deemee, ulee Elsaa’i fuula mucaa irra keye; mucaan ammoo hin dubbanne yookiin hin tachoone; tanaaf Gehaaz gara Elsaa’ii deebi’ee, «Mucaan hin kaane» jedheen.

32 Elsaa’i dhufee yennaa mana seene, mucaan du’ee taqee isaa irra irkateeruun dhagge. 33 Inni kolloo san seenee ifii fi mucaa qofatti balbala cufatee gara Mootii Waan Maraa daadimate. 34 Achiin duuba taqee yaabee, afaan ifii afaan muca’aa irra, ila ifii ila muca’aa irra, harka ifii harka muca’aa irra keyee reeffa muca’aa irra irkate; akkuma inni mucaa irra irkateen, nafi muca’aa o’uu jalqabe. 35 Elsaa’i ol ka’ee kolloo keessa asii fi achi deemeen duuba, deebi’ee taqee yaabee mucaa irra irkate. Mucaalle yennaa torba haxxifatee, ila banate. 36 Elsaa’i Gehaaz waamee, «Shuneemittii waami» jedheen. Innille isii waame. Isiin yennaa dhutte, Elsaa’i, «Ilma keeti fudhadhu» jedheen. 37 Isiin ol seentee miila Elsaa’iititti jiddee, lafalle’etti gad gombifante. Achiin duuba ilma ifii fudhattee deente.

Veja também