Na’amaan Dhukkuba Goga’aa Farrisiisaa Irraa Fayye
1 Na’amaan ajajaa loltoota mootii Sooriya’aa ti; Mootiin Waan Maraa karaa isaatiin loltoota Sooriya’aatiif injifachaa waan kenneef, inni goottaa ifii duratti nama gudda’aa fi nama ulfinna qabu. Inni loltuu jaba’a; ammoo dhukkuba goga’aa farrisiisaa qabaayyu. 2 Worri Sooriya’aa biyya Israa’elii lolee, intala diqqoo takka Israa’el keessaa booji’e; isiille haadha manaa Na’amaanii tajaajilaa turte. 3 Gaafa tokko isiin giittii ifiitiin, «Goottaan kiyya gara raagicha Samaariyaa jiruu adoo dhaqee, inni dhukkuba kana irraa isa fayyisuu hin dande’a» jette. 4 Na’amaan waan kana yennaa dhage’e, gara mootichaa dhaqee waan intalti biyya Israa’eliitii dhutte jette san itti hime. 5 Mootichille, «Xalayaa kana fuudhiitii gara mooticha Israa’elii geessi» jedhe.
Maarre Na’amaan meetii gara kiiloogiraama dhibba sadii fi afurtamaa, worqii gara kiiloogiraama torbaatamaatii5:5 Kiiloogiraam torbaatama: Afaan Ibrootaatiin sheeqelii kuma jaa jedha. fi woyaa adduu kudhan qabatee deeme. 6 Xalayaan inni gara mootii Israa’elii fuudhee deeme sun, «Tajaajilaa kiyya Na’amaan dhukkuba goga’aa farrisiisaa irraa akka fayyittuuf xalayaa kana itti kennee gara keeti ergeera» ka jedhu.
7 Mootichi Israa’elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande’aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga’aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga’a» jedhe.
8 Nami Waaqaa Elsaa’i, akka mootiin Israa’elii gaddee woyaa ifii tarsaase yennaa dhage’e, «Maaf woyaa teeti tarsaatte? Israa’el keessa raagaan akka jiru akka inni beeku, namicha gara kiyya ergi» jedhee itti dhaame.
9 Maarre Na’amaan fardo’oo fi garreettota ifii ka fardo’oon harkifamu irra te’ee dhaqee, balbala mana Elsaa’ii duratti dhaabbate. 10 Elsaa’ille ergaa itti ergee, «‹Dhaqiitii laga Yordaanosiititti yennaa torba dhiqadhu; foon keeti adde’etti hin deebi’a; atille hin qulqulloota› jedhii itti himi» jedheen. 11 Na’amaan ammoo aaree, «Dhugumaan inni gara kiyya gad bayee dhaabbatee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waamee, harka ifii dhukkuba goga’aa farrisiisaa kiyya irra wirsee, waan na fayyisu seye. 12 Lagi Damaasqo’oo Abaanaa fi Farphar, bisaan laga Israa’elii mara caalaa motii? Ani silaa isaan keessatti dhiqadhee hin qulqulloomuuyyu?» jedhee deebi’ee deeme.
13 Tajaajiltooti Na’amaanii gara isaa dhikaattee, «Abba’a, raagichi waan guddoo takka akka ati gootuuf adoo sitti himee jiraatee hin gootaayyuu motii? Amma ‹Dhiqadhuutii qulqullowi› yoo si’iin jedhe maanti si rakkise?» jedhane. 14 Maarre Na’amaan gara laga Yordaanosii gad bu’ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde’etti deebi’ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo’oo te’e.