Publicidade

2 Reis 6

15 Boruyyaa barii ganama tajaajilaan nama Waaqaa Elsaa’ii ka’ee yennaa gad baye, loltooti fardo’ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu qachaa marsiteertuun dhaggee, nama Waaqaa Elsaa’iiin, «Hoola! Goottaa kiyya! Maan goonu nuu woyya?» jedhee gaafate.

16 Elsaa’ille, «Hin sodaatin; worra isaan woliin jiru caalaa worra nu woliin jirutti caala» jedheen. 17 Achiin duuba Elsaa’i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa’ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu’uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa’ii mara jirtuun dhagge.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-