Waaqi Naataan Gara Daawitii Erge
1 Mootiin Waan Maraa raagicha Naataan gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhufee, «Namooti lama qachaa tokko keessa le’anu jiraniiyyu; isaan keessaa tokkochi dureessa, kuun ammoo hiyyeessa. 2 Namichi dureessichi hoole’ee fi hoorii bacaa qaba; 3 hiyyeessichi ammoo ilmee hoole’ee ta bitate takka malee, waan tokkolle hin qabu; inni isii san kunuunsee ijoollee isaa woliin guddatte; isiin isa woliin nyaataa unaa bobaa isaa jala bultiiyyu; isiin isaaf akkuma intala isaa ti. 4 Guyyaa tokko keessummaan tokko gara mana namicha dureessichaa dhufe; namichi dureessichi sun keessummaa gara isaa dhufe saniif hoolee yookiin hoorii ifii keessaa tokko qalee nyaachisiisa hin barbaanne; garuu ilmee hoole’ee ta namicha hiyyeessa sanii nama keessummaa mana isaa dhufe saniif qalee sagalee qopheesse» jedhe.
5 Daawiti namicha sanitti guddoo aaree, Naataaniin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te’ee! Namichi akkana godhe sun du’uu qaba! 6 Inni marartii malee tana waan godheef, addee ilmee hoolee sanii hoolee afur kaffaluu qaba» jedhe.
7 Achiin duuba Naataan Daawitiin, «Nami sun si’uma! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa’elii, ‹Ani akka ati Israa’el irratti mootii teetuuf si muude, harka Saa’olii jalalle’ee si baase; 8 mootummaa goottaa keetii si’iif kenneera; niitota goottaa keetille si’iif kenneera; mootii Israa’eliitii fi Yihuda’aa akka teetuufille si godheera; tun adoo si hanqattee jiraatte tana caalaa si’iif hin kennaayyu. 9 Ati Uriiyaa nama biyya Heetii, shallaagaa Amoonotaatiin ijjeesisiittee, niitii isaa ifii fuutee, waan hantuu akkanaa Mootii Waan Maraa duratti hujiisaan jecha Mootii Waan Maraa maaf tuffatte ree? 10 Ati na tuffattee niitii Uriiyaa nama biyya Heetii fuutee niitii keeti godhatteerta; tanaaf haga bara baraa shallaagaan sanyii teeti irraa hin fagaatu› jedha. 11 Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani manuma keeti keessaa badii sitti hin fida; ati adoo dhaggituu niitota teeti si jalaa fuudhee nama fira keeti ka aante’eetiif hin kenna; inni guyyumaan niitota teeti woliin hin rafa. 12 Ati waan akkanaa dhossa’aan goote; ani ammoo waanuma kana guyyumaan Israa’eloota duratti hin godha› jedha» jedhe.
13 Achiin duuba Daawiti Naataaniin, «Ani Mootii Waan Maraa yakkeera» jedhe.
Naataan deebisee, «Mootiin Waan Maraa yakkaa keeti si’iif dhiiseera; ati hin duutu.