12 Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda’aan fide. 13 Worri Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa ba’ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu. 14 Daawiti woyaa hayyumma’aa ta qomaa ta quncee talba’aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu’uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe. 15 Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa’elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane.
Publicidade