8 Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin. 9 Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te’in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu’uun dura karaa Kiristoosiitiin nu’uuf kenname. 10 Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du’a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru’uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhifameera.
Publicidade