Hantuu Guyyaa Muumme’ee
1 Guyyoota muumme’eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki. 2 Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne, 3 ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu, 4 ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te’an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan; 5 isaan dhugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi’ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu.