Publicidade

Atos 1

9 Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubbaaa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.1:9 Mar. 16:19; Luq. 24:50-51

10 Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, 11 «Isin namoota Galiila’aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba’aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubbaaa fudhatame kun, gara ol-gubbaaa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi’ee hin dhufa» jedhane.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-