Pular para o conteúdo
Publicidade

Hujii Ergantootaa 12:2,5,12-16

2 Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii shallaaga’aan ijjeesise. 5 Adoo Pheexroos mana hidha’aa keessatti eegamuu, wolde’i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.

12 Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe. 13 Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte. 14 Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite. 15 Isaan, «Ati maraatteerta!» isi’iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te’innaa» jedhane. 16 Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.