5 Adoo Pheexroos mana hidha’aa keessatti eegamuu, wolde’i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.
7 Dedhuma ergamaan Gootta’aa achi dhaabbatee, manni hidha’aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka’i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute. 10 Isaan worra eedduu tokkeesso’ootii fi lammeesso’oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha’aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.
12 Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe. 13 Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte. 14 Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite. 15 Isaan, «Ati maraatteerta!» isi’iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te’innaa» jedhane. 16 Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane.