5 Adoo Pheexroos mana hidha’aa keessatti eegamuu, wolde’i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.
Pheexroos Mana Hidha’aatii Hiikame
6 Halkan bari’een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha’aa dura dhaabbatanee eegane. 7 Dedhuma ergamaan Gootta’aa achi dhaabbatee, manni hidha’aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka’i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute. 8 Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen. 9 Pheexroos mana hidha’aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta’aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye. 10 Isaan worra eedduu tokkeesso’ootii fi lammeesso’oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha’aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.
11 Pheexroos yennaa bayyanate12:11Bayyanate: Ifi beeke, «Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa na irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera» jedhe. 12 Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe.