Pular para o conteúdo
Publicidade

Atos 16

10 Phawuloos waan kana yaadaan16:10Yaadaan: Mudhi’iin dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya’aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya’aa dhaqiisaaf qophoonne.

Liidiyaan Gootta’atti Dhugeeffatte

11 Qachaa Xiiroosiitii hoboloo gudditti’iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe’ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne’apholiisitti dabarre. 12 Achille’ee qachaa Filiphisiiyuusii geenne; qachaan Filiphisiiyuusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma’aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle. 13 Guyyaa Sanbataa karra qacha’aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertu Jecha Waaqaa barsiinne. 14 Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira’aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo’oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi’ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi’ii bane. 15 Isi’ii fi worri mana isi’ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta’atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te’e, mana kiyya kowa’aa tura’a» jettee jabeessitee kadhatte.

Phawuloosii Fi Siilaas Hidhamane

16 Gaafa tokko gara addee daadimanna’aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte. 17 Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aanaaa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte.

Veja também