25 Gara halkan wodhakka’aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna’aa fi faaru’uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu. 26 Dedhuma haga hundeen mana hidha’aa raafantutti tacho’i lafaa guddaan te’e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante. 27 Namichi mana hidha’aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha’aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate. 28 Phawuloos ammoo qoonqoo guddo’oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.
29 Yennaa kana namichi mana hidha’aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha’aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige. 30 Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe.
31 Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane. 32 Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi’iif himane. 33 Halkan saatuma sanitti, namichi mana hidha’aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame. 34 Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.