Phawuloos Namicha Lafa Meqedooniya’aa Yaadaan Dhagge
6 Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya’aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya’aatii fi Galaatiya’aa keessa dabaranee deemane. 7 Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya’aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne.