Phawuloos Qorontoositti Hojjate
1 Kanaan duuba Phawuloos qachaa Ateena’aa lakkisee, gara qachaa Qorontoosii dhaqe. 2 Achitti Yihudicha biyya Phonxoosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jedhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma’aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma’aa keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiko’otti biyya Ixaaliya’aatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee, 3 hujiin isaalle akkuma isaanii dunkaanii18:3Dunkaanii: Woyaa akka manaa godhanee hodhane. hodhuu waan teeteef, isaan bira tee’ee hojjate.