17 «‹Guyyaa muumme’ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:
nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.
Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;
dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,
Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
18 Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane2:18Garboota dhugeeffatane: Tajaajiltoota tiyya
ta dhiiraatii fi ta dubarti’ii irrattuu,
Ayyaana kiyya hin buusa;
isaanille raaga hin dubbatan.