Dhugeeffattooti Akka Hin Sodaanne Daadimatte
23 Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi’anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane. 24 Isaan tana yennaa dhage’ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta’a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya’aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si’i.
29 Ammalle Gootta’a, sodaachisaa4:29Sodaachisaa: Roorroo isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi. 30 Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane.
31 Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.