Pular para o conteúdo
Publicidade

Hujii Ergantootaa 4:23-31

Dhugeeffattooti Akka Hin Sodaanne Daadimatte

23 Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi’anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane. 24 Isaan tana yennaa dhage’ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta’a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya’aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si’i. 25 Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Daawitiitiin,

«‹Worri Yihudoota hin te’in maaf aarane?

Kolbaan mala bu’aa hin qanne maaf dhootte?

26 Moototi lafaa ifi qopheeffatanee,

bulchitootille wolitti qabamanee,

Gootta’aa fi Masiihii isaa irratti ka’ane› ka jette si’i.

27 «Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Phonxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te’inii fi kolbaa Israa’elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka’ane.4:27 Mat. 27:1-2; Mar. 15:1; Luq. 23:1; 7:11; Yoh. 18:28-29 28 Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane. 29 Ammalle Gootta’a, sodaachisaa4:29Sodaachisaa: Roorroo isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi. 30 Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane.

31 Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.