44 «Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse’etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante. 45 Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari’etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte. 46 Daawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate. 47 Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon.
48 «Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le’u; kunille akkuma raagichi,
49 «‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti;
lattille ijjata miila kiyyaa ti.
Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree?
Addeen ani itti foorfadhu eessa ree?
50 Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe.