18 Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee, 19 «Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle’eef kenna’a» jedhe.
20 Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese’een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile’etti bada’a!