18 Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee, 19 «Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle’eef kenna’a» jedhe.
20 Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese’een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile’etti bada’a! 21 Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te’iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu. 22 Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi’i; waan akkana yaadatte kanaaf si’iif araarama fa’a te’a, gara Gootta’aa daadimadhu. 23 Ati hinaaffaa hadhoottu’uun guutantee, hidhamaa cubbu’uu akka teete dhaggeera» jedhe.
24 Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne’ee gara Gootta’aa naaf daadimadha’a» jedhe.