Pular para o conteúdo
Publicidade

Atos 8

32 Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru,

«Inni akka hoolee qalantuu oofame;

akka ilmayyoo hoole’ee,

yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu,

Inni waan tokkolle hin dubbanne.

33 Inni ifi gad qabee, muraa dhuga’aa dhabe.

Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef,

eennuttuu sanyii isaa himuu dande’a?» ka jedhu.

34 Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi’ii ti? Me natti himi» jedhe. 35 Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime.

Veja também