36 Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [ 37 Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te’e hin dhugeeffadha» jedhe.]8:37Barreeffami gogaa duugame irratti barreeffame gariin laakkossa 37 hin dabalata; ka durii ammoo hin dabalatu. 38 Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe. 39 Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaanni Gootta’aa Filiphoos butee fuudhee deeme. Guneessichi deebi’ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi’ee, gammadaa deeme.
Publicidade