Pular para o conteúdo
Publicidade

Colossenses 1

12 Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha’a. 13 Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. 14 Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.1:14 Efe. 1:7

Ol Aantummaa Kiristoosii

15 Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti. 16 Sababilleen wonni ol-gubbaaa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubbaaa, dura aantole’ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade. 17 Inni waan duudi’iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate.

Veja também

Colossenses
Ver todos os capítulos de Colossenses