Ol Aantummaa Kiristoosii
15 Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti. 16 Sababilleen wonni ol-gubba’aa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubba’aa, dura aantole’ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade. 17 Inni waan duudi’iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate. 18 Inni wolde’a kiristaanaa ka nafa isaa te’eef mata’a; waan maraan ka durse te’iisaaf, du’aa ka’iisalle’een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti.1:18 Efe. 1:22-23 19 Guutummaa waaqumma’aa Ilma isaa keessa akka jiraattu, fedha Waaqa Abba’aa waan te’eef tun teete. 20 Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te’ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera.1:20 Efe. 2:16