21 Duraan Waaqa irraa fagaattanee le’aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneertaniiyyu. 22 Amma ammoo woyyoole’ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma’aatiin waan du’eef Waaqi ifi woliin isin araarse. 23 Te’uu malee dhugeeffanna’aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu’uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho’ina’a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa te’eera.
Publicidade
Publicidade