Bara Muumme’ee
1 Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa’el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka’a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan. 2 Worri hedduun du’ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka’an. 3 Worri qarooleen akka ifa gubba’aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma’aa deebise haga bara baraa akka urji’ii hin ifan.