26 Mootichi Daani’elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi’ii natti himuu dandeettaa?» jedhe.
27 Daani’elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande’ee si’itti hin himu; 28 ammoo ka waan dhossa’aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te’uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu: