Pular para o conteúdo
Publicidade

Daniel 3

28 Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neegooo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane.

29 «Tanaaf akka kana ka baasuu dande’u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi’ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neegooo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi’ii akka te’uuf, ani ajaja baaseera» jedhe.

Veja também