28 Wonni kun duudiin mooticha Nebukadnezaar irratti muummotte. 29 Ji’a kudhanii lamaan duuba gaafa tokko mootichi mana mana irratti ijaarrame gubbaa irra deddeebi’aa adoo jiruu, 30 «Tun Baabilonii guddittii ta ani addee teessoo mootummaa tiyyaa akka teetuuf, ulfinna arnya kiyyaatiif, jabeenna hunna tiyyaatiin ijaaree motii ree?» jedhe.
31 Adoo mootichi dubbatiisatti jiruu, qoonqoon ol-gubba’aa dhuttee, «Ee mooticha Nebukadnezaar, waan ani sitti himu dhage’i! Mootummaan teeti si irraa fudhatanteerti; 32 ati kolbaa keessaa ari’antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori’ii marra hin dheedda; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te’e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti» jedhe.
33 Yennuma san wonni Nebukadnezaar irratti dubbatante muummotte; inni kolbaa keessaa ari’amee akka hori’ii marra dheede; haga rifeensi isaa akka koola risa’aa dhedheeratutti, qenci isaalle akka qeenca allaatti’ii haga te’utti, nafi isaa fixeensa ol-gubba’aatiin jiidhe.
Nebukadnezaar Waaqa Leellifate
34 «Barri sun yennaa muummowe, ani Nebukadnezaar gara ol-gubba’aa ilaale; qalbiin tiyyalle naa deebite; Waaqi Ol Aanaan ka haga bara baraa le’u
haga bara baraa waan bulchuuf,
mootummaan isaalle dhaloota irraa haga dhalootaa waan teeteef,
ani isa eebbisee, leellifadhee, ulfinna isaaf kenne.
35 Kolbaan lafa irra leetu duudiin,
woyittuu hin laakkowantu;
inni ergantoota ol-gubba’aatii fi
kolbaa lafa irra leetu duudii irratti
waan fedhe hin godha;
harka isaa hujii irraa ka dhooggu,
yookiin waan inni huju ka isa gaafatu tokkolle hin jiru.
36 «Akkuma qalbiin tiyya naaf deebiteen, ulfinna mootummaa tiyyaatiif arnyii fi guddinni tiyyaa naaf deebi’e; gorsitootii fi qondaaltoti tiyya gammadaan na fudhatte; ani gara barcumaa mootummaa tiyyaatitti deebi’ee, guddinni ka durii caalaa naaf dabalame.
37 «Hujiin Mooticha ol-gubba’aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te’eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.