Pular para o conteúdo
Publicidade

Daani'elii Raagichaa 6:10,16,22,23,27

10 Daani’el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi’ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya’atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate.

16 Tanaaf mootichi ajajee jennaan, Daani’el qabanee fidanee boolla neenqaatitti gatane; mootichille Daani’eliin, «Waaqi ati yennaa mara addatamumma’aan tajaajiltu si baasuu ti» jedhe.

22 Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te’ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle’etti dokonkora hin hunye» jedhe.

23 Mootichi guddoo gammadee, Daani’el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani’el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane.

27 Inni hin fayyisa; hin baasalle’e;

inni ol-gubba’aa fi lafa irratti

bilbaasaa fi maadee hin godha.

Inni Daani’el neenqa jalaa baaseera» jedhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.