Mudhii Marroo Ka Haga Bara Baraa Jiraatuu
9 Daani’el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma’aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee’e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta’aa, barcumaan mootumma’aa ka isaa akka bobe’a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe’uu ti. 10 Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa’a; worri kuma heddu’utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu’utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura’aa tee’e; kitaabotille banamane.