24 «Balleessaan akka hattuuf, cubbuu hujiis akka dhaabbattu, yakka’aaf araarri akka kennamu, balchummaan bara baraa akka dhuttuuf, mudhi’ii fi raaga irratti chaappaan akka godhamu, Addeen Irra caalaa Woyyittiin akka muudantuuf, torbaan torbaatam kolbaa teeti irratti laffameera. 25 Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde’etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te’uu malee tun duudiin bara rakko’ootitti teeti. 26 Bulchaan Muudame torbaan jaatamii lama saniin duuba, haqa malee hin ijjeefama; loltooti bulchaa dhibii ka dhufuu, qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa hin balleessan; muummeen qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa lola’aan teeti; badiin waan itti laffanteefille lolli haga dhumaatitti hin te’a. 27 Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca’aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca’aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.
Publicidade
Daani'elii Raagichaa 9
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.