18 Jechoota kiyya kana gadhaa keessanii fi qalbii teessan keessatti qabadha’a; qaabbii akka isinii teetu harka keessan irratti hidhadha’a; adda keessan irralle’etti keyadha’a. 19 Ijoollee teessanille barsiisa’a. Yennaa mana teettanu, yennaa karaa deentanu, yennaa irkattanu, yennaa kaatanulle marroo jechoota kanaa haasowa’a. 20 Mikikkila balbala mana keessaniitii fi karra dalleya keessanii irratti barreessa’a. 21 Yoo tana gootane, barri keessanii fi barri ijoollee teessanii lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kakate keessatti akka bara ol-gubbaa lafaan gubba’aa hin dheerata.
Publicidade